"Sihrii Sitti Dalagsiisa naan jedhe" - Dhaddacha Jaalalaa Doosee 30

Описание к видео "Sihrii Sitti Dalagsiisa naan jedhe" - Dhaddacha Jaalalaa Doosee 30

Lakkofsa Galmee 62
Akkam jirtan qopheessitoota qophii dhaddacha jaalalaatiifi, ustaazota keenya, akkam nagaya jirtuu? Nuuf jajjabaadhaa, jazaa keessan Rabbi Jannataan isinii haa deebi’u. maqaan kiyya M.A jedhama. Aniifi abbaan manaa kiyya eega walitti dabalamnee amata saddeeti. Abbaan manaa kiyya osoo ana hin fuudhin dura jaartii biroo qaba. Eega wal fuunee booda hayyamuma isaatiin gara biyya arabaa dhufee dalagachuu eegale. Waan dalagadhu hunda gamuma isaa erga. Mallaqa an itti ergu waan inni ittiin dalagu hin beeku. Mee mallaqa maaliin dalayda, waan dalaydu naaf himi wajji mariyannaa wayta jedhuun, dubbii tiyya inumaa hin dhagayu. Abbaan warraa kiyya kun ana qofa osoo hin taane, jaartii isaa ta duraatiinis hin mari’atu, waan dalaguu fedhu hunda marii nama tokkoo malee ofumaa dalaga. Kanaaf mallaqa dalagadhu isatti erguun hedduu natti ulfaatee dhihoo tana irraa dhaabe. Amma an mallaqa irraa kunnaan, nagayaan hin jiraattu, eega faaydaa naaf hin buusnee sababaan ati achi jiraattuuf hin jiru. Sihrii sitti dalaysiisee akka biyya sanii baddee galtu si godha naan jechuu eegale. Amma an sodaa guddoo keessa jira. Akka inni sihrii natti hin goone mallaqa haa erguuf moo, mee furmaanni kiyya maali. Murtii abbaa murtii obsaanin eeggadha.


Iyyannoo 2ffaa
Lakkofsa Galmee 63
Akkam jirtan kabajamtoota qopheessitoota qophii dhaddacha Jaalalaa. Maqaan kiyya A.B jedhama. Iyyannoon kiyya akka asii gadii kana. Ani biyya ormaa keessa jiraadha. Jiruu biyya ormaa ulfaattuu tana keessatti, kaayyoo bultii jaaruudhaa hin qabu ture. Garuutuu hiriyoonni tiyya waan ani hin kaayyeffatin akkaan raawwadhu na dirqamsiisan. Kaayyoon kiyya ka duraa, biyya ormaa keessatti dalagadhee eega gara biyyaa deebi’ee booda, intala Rabbii isii sodaattu, ta saahiba qur’aanaa taate fuudhuu ture. Garuu kaayyoon kiyya sun naaf hin milkooyne. Saahibban kiyya intala takka ifumaaf naaf filanii dubbii natti jajjabeeysanii akka fuudhu na godhan. Aniis dubbii isaanii qeebalee biyya ormaa keessatti jaartii fuudhe. intalti amma fuudhe tun akka ani yaadu naaf hin taane. Aniifi isiin biyya tokko keessa jiraannus, bakka adda addaa qubanna. Jaartii tiyya waan taateef hoggaan itti haajame koottu jedhee yaama. Yeroo ani yaamutti hin dhuftu, yeroma isiif mijjaawe dhufti. Baatii 6 hanga 7 fa turtee dhufti. Hoggaa dhuftu kanas harka qullaa dhufti. Mallaqa baatii san hunda dalayde tokkollee qabattee hin dhuftu. Mallaqa dalayde maaliin akka gootes naaf hin himtu, meeti mallaqni dalayde jedhee hoggaa gaafadhu, mallaqni kiyya kiyyuma, dubbiin mallaqa kiyyaa waa sin ilaallattu, ati dhimma mallaqa kiyyaa na gaafachuus mirga hin qabdu, amma dura Nuuralhudaa irraa dhagahee jira. Akka Nuuralhudaa irratti dhagahetti, dubartiin mallaqa isii irratti mirga guutuu qabdi, jaarsi isii mallaqa isii irratti murteessuu hin dandayu jechuu dhagahee jira. Kanaafuu yoo barbaadde atiis gaafadhu. Dhimmi mallaqa kiyyaa sin ilaallatu naan jetti. Kanaaf aniis gama keessan dhufe. Wanti ani gaafachuu barbaadu, mallaqa isii irratti murteessuu mirga qabaachuu baaddhus, mallaqa isii maalirra akka oolchitu beekuu mirga hin qabuu? Kana beekuu barbaada. Wanti keessa jirru bultiidha. Jarjaraan waa balleesuun gaarii miti. Waa hundaahuu obsanii gorsa hayyootaa jala deemuun barbaachisaadha. Kanaafuu murtii hayyoonni keenya dabarsan obsaan eeggadha. Galatoomaa.



Copyright Notice:
Reuploading any of our videos or content to another YouTube channel or platform without our explicit consent is a violation of our copyright. We do not tolerate such actions.

We actively monitor for unauthorised use of our content. If we discover that our content has been reuploaded without permission, we reserve the right to take appropriate legal action, including reporting the infringement to YouTube and requesting the removal of the unauthorised content.

Комментарии

Информация по комментариям в разработке