OROMIA11: Oduu 6-26-2024

Описание к видео OROMIA11: Oduu 6-26-2024

OROMIA11: Oduu 6-26-2024
1.Godina Arsii lixaa Aanaa Dodolaatti roobi cimaan roobe lubbuu Namaa fi beeyladoota iratti miidhaa qaqqabsiisuun himame.
2.Buufanni xiyyaara Baalee roobee maqaa gooticha Oromoo jeneraala Waaqoo Guutuutiin moggaafame.
3.Kongirasiin Federaalawaa Oromoo finxaaleyyii hidhattoota Faannoos ta’ee da’attootni isaanii adabachuu qabu jedhe.
4.Naannoon Hararii abbooti murtee Fi muudamtoota balleessa raawwatan adabe.
5.Labsiin qabiyyee lafaa gadi lakkisiisuu, kaffaltii beenyaa fi kaafamtoota deebisanii dandamachiisuu ilaallatu raggaasifame.
6.Itoophiyaa naannoo Amaaraatti weerarri koleeraa lubbuu namoota shanii galaafate.
7.Keeniyatti labsiin gibiraa haaraan ragga’uu hordofee hiriira mormii gaggeeffameen walqabatee guyyaa kaleessaa namoonni kudhan ajjeefamuun gabaafame. 
8.Manni Murtii Yakkaa Idil-addunyaa  qondaaltota olaanoo Raashiyaa akka hidhamaniif ajaja baase. 
9.Dorgommii Geeba biyyoota Awuroppaa gara marsaa 16ffaatti darbuuf taasifamaa jiruun Awustiriyaan biyyoota jajjaboo jedhaman ofi duubatti hambisuun tokkoffaan darbite.

Комментарии

Информация по комментариям в разработке