ADDISUU WAAYIMAA - SIN JAALADHA (Lyrics)

Описание к видео ADDISUU WAAYIMAA - SIN JAALADHA (Lyrics)

Addisuu Waayimaa - sin jaaladha (Lyrics):
[Ifataan hin goru miilli koo gara keetti marmaara
Jiraatanii baru gaarummaa mana keetis argeera
Hiriyaan jaaladhu gatii na dhowwateefan mufadha
Waan naaf gooteef miti waan adda taateefan si jaaladha]x2
Sin jaaladha
Ani sin jaaladha
Baayyeen si jaaladha
baayyee baayyee Goofta sin jaaladha
Baayyeen si jaaladha
Baayyee baayyee Yesus sin jaaladha

[Si malee hin jiraadhu lubbuun koo hin gaggabdi si dheebottee
Hin daganneem gooftaa isa ati dhimma koo gidduu galte
Si baree eessan dhaqa saggoon koo keessummaatti hin leenji’u
Bara koon siif kenna gatiin kee maaliinuu narraa hin ba’u]x2
Sin jaaladha
Ani sin jaaladha
Baayyeen si jaaladha
Baayyee baayyee Goofta sin jaaladha
Baayyeen si jaaladha
Baayyee baayyee Yesus sin jaaladha

[Akka eenyuufu mitiim akka keefan jiraadhe dhugaa dha
Sila yoona du’een iddoon awwaala kooyyuu onaa dha
Biyya lafaa beeka na wajjin waan baayyee dabarsitee
Amma nama deegaa sin jaaladha waanjoo koo caccabsitee]x2
Sin jaaladha
Ani sin jaaladha
Baayyeen si jaaladha
Baayyee baayyee Goofta sin jaaladha
Baayyeen si jaaladha
Baayyee baayyee Yesus sin jaaladha

[Saalfadhee hin callisu dhugaa kee nan dubbadha buruqsee
Waakkadhee hin hanqisu an galata barruu kee na guddisee
Nama hundumaa dhiiseen si wajjiniin cimsaadhe firooma
Harka duwwaa ta’us waanan kan kee ta’eef nan durooma]x2
Sin jaaladha
Ani sin jaaladha
Baayyeen si jaaladha
Baayyee baayyee Goofta sin jaaladha
Baayyeen si jaaladha
Baayyee baayyee Yesus sin jaaladha
#OROMOGOSPELSONG

Комментарии

Информация по комментариям в разработке