Mana keenyatti dhiyaanneerraa, homtuu dudduuba nun deebisuu
Galaanni Yoordaanos yoo guutes, qabnaam riqicha nu ceesisuu
Daangaa biyya kakuurra geenyee, diinni nutti hammeessus gidiraa
Gooftaan keenya dafee nuuf dhufaa, warra hambaatiif abdiin jiraa
Yeroo sabatiinsa waammannee, faallaa abjuu keenyaa haammannee, jiruu nuuf ta’e waa’een lolaa
Jaalalli namootaa hir’atee, seera dhabdummaan baballatee, dhiigatu dhangala’aa oolaa
Yaaliin namaa martuu maseenee, kan guutuuf eegan qilee seenee, dacheen tasa mijachuu didee
Kana ilaaluun abdii hin kutinaa, gooftaan keenya mul’achuuf jiraa, nagaa waaraa’aasaa nuuf fidee
Danoonummuun mallattoon barichaa, dhibee hamaan dhabee qorichaa, ogeessota lafa ilaalchisee
Hafuurri sobaa dhugaa akkeessee, falfala fala itti fakkeessee, warra fo’aman wal’aalchisee
Sassatummaan namoota dhaalee, miidhamaa cabseera inni caalee, kuusaan qabeenyaa wal hanqatee
Qilleensi hundee dinagdee in raasaa, abbaan hafarsaas adda baasaa, boo’aa hin hafuum inni rakkatee
Masoonni sobaa baayyatanii, yeeyyiin raroo hoolaa uffatanii, egeree dansaan nu guutanii
Garuu dararamni heddummattee, balaa tasaan namni dhumatee, dheeda baayyeen sigigaatani
Yeroo taatee kana arginuu, callifnee nuti bira hin darbinuu, guyyaan gooftaa ga’uusaa barraa
Gidiraan kun hundumtuu lufee, nuufis yeroos barkumeen dhufee, fayyisaa keenya ijaan agarraa
Tooftaan diinaa hamma beeknuun olii, daandiirratti nu jaataneessaa
Yaaddoo jireenyaatiin nu miidhe, deemsa laf-onaa nutti hadheessaa
Guyyaa guyyaan jiruun hammaatee, ba’aan lubbuu yommuu ulfaatuu
Dagattanii kiyyoo hin seeninaa, dhufni gooftaa keenyaa hin fagaatuu
Информация по комментариям в разработке