ELAA Gajo Tilahun New Music Video 2024

Описание к видео ELAA Gajo Tilahun New Music Video 2024

This Video is My 2nd music Video. Please Subscribe My Youtube channel.
#ELAA #Gajo Tilahun
Elaamee Elaa Yaa Tokkeekoo Ilaa X2

Hidditee Footewoo
Gaabii Dhawuufoo
Dhaabii Na Fuutee
Yaa Haadha Ruufoo
Anoo Miidhamee
Dugda Na Koobaa
An si hin hankaakuu
Dukkana roobaa

AbuubbiiX2 Liixarraa dhufu
Keessisaa X2 Liilana qaba
Suut-SuutaanX2 Na wallaanii
Keessikoo Dugdikoo miidhama qaba

Gidda buuna X2
Gimbii Buuti keenya hin oolu
Nu wal fuuna X2
Nu wal fuuti keenya hin oolu
Abbaan Morkee Jaarsi hin Duulu
Yoo Duules Gaacha baata
Afaan shaggee Jaarsi hin xuuxu
Yoo xuuxes Jaatama baasa

LULEE koo maal Siif ta’uuree X2

As dhaapheen Gamatti ilaalee .LULEEKO
Gaangoon Kan Bantii Magaala
Obsannee dhokfannee dhiisnee
Dubbiin Kan Rabbiitu Caalaa
Yaa Ciciisa Baar-Gamaayee
Suutumaan tarkaanfatuumii
Yoo Itti Dhiisan maal Qabaayee
Darbanii barbaaddatuumii .. LULEEKOO

Garaan Aarii qaba X2
Nan Oobse Malee
Silas Obsuun qaba X2
Nan Obsa Ammallee


Yaa Kolaasaa Mandarii
Daaraa Gubduu masqalaa
Maal Qoraanfaa Hin dhaqxanii
Dhaamaa Bultuu Galgalaa
Siree Waayyuu Isa Gibee
Dalasaan kan Coommanii
Dhaqee waamuuf na dhibee
Dhala Ormaa in Abboomaniiree ?????

Biddeen Eda Nyaannee Qullubbii qabaare?
Isintoo Nu waamee Kun dubbii qabaaree?
Biddeen Eda nyaannee Qullubbii maal qaba?
Nutisoo Hin Beelofnee Kun Dubbii maal qaba!!!!!!!!!


Egaa Gigimmiserawoo. X2
Roobuunsaa Way afaaree? X2
Egaa Gigimmiseetii X2
Roobeewoo Amma Argitaaree X2
Fardikee Guulee …… ELAA
Kokor Gamattii……….ELAA
Nullee Hin Dagannee ….ELAA
Seenaa Barittii………ELAA

Elaamee X2 Kottu Akka taanuu
ElaameeX2 gargar Hin baanu
Elaamee X2 kottu Akka taanuu
Elaamee X2 gargar hin baanuuu…

LULEE koo Maal Siif ta’uuree X2
Aannan Qabee Mana duubaa
Waan dhangalaasen wallalee
Akka Sareen Lafa suufa
Waan na Maraachen wallalee

Ija Goosuu Facaafannaan
Biqilee Baddeessaa ta’ee
Maal Taate? naan Jedha Namni
Isan Jaalalaan Raata’e


Garaan Aarii qaba X2
Nan Oobse Malee
Silas Obsuun qaba X2
Nan Obsa Ammallee
#Oromomusic #barrikooEntertainment #ELAA #GajooXilaahun #Ilaa #newmusic #world #Ethiop #oromo ##Hambaa #Walee #motesastudio #EBS #obs #gajotilahun
#fardikee #Lulee #Gidda #Giddabuuna #lule #Helaa #Shaggee #giddaBuuna #Jidda #Elaamee #Abuubbii #Art #aart #africa #afrobeat #Ethiopianmusic #nigeria #Wallaggaa #aartii #Walee #HAMBAA #music #housemusic #Disco #Enternational #enternationalmusic #irreechaa #ElaaElaa #gajo

Комментарии

Информация по комментариям в разработке