DINQEE ADDISUU: YAA GUYYAA DHUMAA

Описание к видео DINQEE ADDISUU: YAA GUYYAA DHUMAA

ONLY ON EGEREE MEDIA

YAA GUYYAA DHUMAA: Faarfatttuu Dinqee Addisuu jedhamti. Waldaa Makaana Yesuus Bosoqqee kan jedhamu waldaa baadiyaa tokko keessaa kan isheen tajaajiltu. Kennaa faarfannaa yoo qabaatte iyyuu abbaan ishee ijoollummaan waan irraa boqotaniif(du'aniif) gara tajaajilaatti guddachuuf namni ishee tumsu hinjiru. Haa ta'u iyyuu malee, kennaa Waaqayyo keessa kaa'ee fi jechootni afaan ishee keessaa ba'an eessaa akka dhufan tilmaamuun nama hin dhibu. Bara itti waa'ee bara dhumaa dubbachuunii fi faarfachuun faarfattoota keenya biraa gadi bu'aa dhufetti, Waaqayyo warra iji namaa hin argine akkas akkasii nuuf kaasaa jira. Faarfannaan kun haaluma achii keessa jiraniin Audionis ta'e videon waan hojjetameef, ergaan faarfannichaa garuu waan hundumaan oli. Waaqayyo inni namoota akka obboleettii keenyaa kana GOLA keessaa qaba. Yeroo isaattis kunoo achii asi nuuf baasaa jira. Faarfannaa kanaan akka dhugaamatti waldaatti nu deebisee, lubbuu nutti hora. Kanaaf hiriyyoota keessan biraan ga'aa. Hojii kana keessatti kan itti dadhaban kan obboloota koo WAAQJIRAA LAMMEESSAA(Video and Editing) fi FIRAA'OL DASSAALEE(Music) galateeffachuun barbaada. Haala daangeffamaa kana keessatti namoota akkasii bira dhaabbachuu keessaniif eebbifamaa!

All videos uploaded on this channel are entirely belongs to Egeree Media. The main purpose of our channel is to promote Oromo Young Gospel Singers, Musicians and Comedians. Copying any content of this channel is strictly prohibited.

Комментарии

Информация по комментариям в разработке