Miidhaa dijitaalaa "Hamister Kompat" ykn TapTap gahuuf qaamni itti gaafatamummaa fudhatu eenyu?

Описание к видео Miidhaa dijitaalaa "Hamister Kompat" ykn TapTap gahuuf qaamni itti gaafatamummaa fudhatu eenyu?

Teeknolojiin sirna daldalaa hammeyyeessuu, si’oomsuufi dijitaalessuurratti argama. Daldalli dijitaalaa maallaqaafi yeroo qusachuun xiyyoo addunyaa tokkorraa isa biraa walitti dhiheesseera.

Maallaqni ‘online’niin daddarbun tuttuqqaafi maallaqa callaa baatanii naanna’uurraa nama baraareera.

Argannoowwan teknolojii haaraa bahaniin immoo mana ofii taa’anii galii argachuufi maallaqa hojjechuun baratamaa dhufeera.

Hojiin gama kanaan hojjetamu gaarummaa qabaatus akkuma kana miidhaas ni qabaata.

Kanaaf fakkeenya kan ta’u daldala dijitaalaa barri fide ‘Bitcoin’ ‘Hamstercombat’fi kanneen fakkaataniin kaasuun ni danda’ama.

Keessumattuu miidhaa daldala dijitaalaa gama kanaan gahuuf qaamni itti gaafatamummaa fudhatu, dhabamuun rakkoo ta’uu hayyoonni OBN dubbise kan eeran.



Hayyuun Dinagdee Dr.Guutuu Teessoofi Ogeessi ICT’fi miidiyaa hawaasaa Obbo Abdiisaa Baancaa jedhanitti daddabarsi maallaqaa karaa dijiitaalawaan qaama sadaffaan ykn dhaabbileen maallaqaan kan to’atamu miti. Kun immoo biyya ykn Ardii wiirtuu godhate kan hin hundeeffannee fi dhaabbata biyyaalessaa ykn waaltawaa kamiinuu kan hin hoogganamne taasisaa jedhan.

Taphoonni kara link telegramiin taphatamaa jiran dhugummaan isaa bu’aa qabeessa ta’u mirkaneessuuf rakkisadhas jedhan. Dabalataan karaa qaxxaaamuraa osoo hin dadhabiin maallaqni argamu hin jiru, waan harkaa qaban jabeeffachaa carraa jiru yaaluun akka filannoo biraatti ilaalamuu danda’aas himan.

Akka yaada hayyoota kanaatti taphoonni karaa link telegramii fi miidiyaa hawaasaa gara garaan dhimmi itti bahamuu fi bu’aa karaa hojmaataa dijitaaliyizeshiinin wal qabatan argachuuf seeraa qabeessaa ta’u qaba. kun immoo nama dhuunfaa fi biyyaafis faayidaa qabaachuu eeran.

Addunyaa ganda tokkoo fi teekinoloojiin walitti hidhamaa jirtu keessaattis guddina teekinoloojiitti fayyadamuu fi bu’aa qabeessummaa isaa mirkaneessaa deemuuf dhaloonni beekumsaa fi gahumsaa teekinoloojiin hoogganamu qabaas dhaaman.

Комментарии

Информация по комментариям в разработке