Logo video2dn
  • Сохранить видео с ютуба
  • Категории
    • Музыка
    • Кино и Анимация
    • Автомобили
    • Животные
    • Спорт
    • Путешествия
    • Игры
    • Люди и Блоги
    • Юмор
    • Развлечения
    • Новости и Политика
    • Howto и Стиль
    • Diy своими руками
    • Образование
    • Наука и Технологии
    • Некоммерческие Организации
  • О сайте

Скачать или смотреть Finfinnee, Boolee (Qe'ee warra Balfee Daadhii..Abdii...Jimaa) KUTAA 1

  • ARSADII MEDIA - Miidiyaa Arsadii
  • 2023-03-24
  • 164
Finfinnee, Boolee (Qe'ee warra Balfee Daadhii..Abdii...Jimaa) KUTAA 1
  • ok logo

Скачать Finfinnee, Boolee (Qe'ee warra Balfee Daadhii..Abdii...Jimaa) KUTAA 1 бесплатно в качестве 4к (2к / 1080p)

У нас вы можете скачать бесплатно Finfinnee, Boolee (Qe'ee warra Balfee Daadhii..Abdii...Jimaa) KUTAA 1 или посмотреть видео с ютуба в максимальном доступном качестве.

Для скачивания выберите вариант из формы ниже:

  • Информация по загрузке:

Cкачать музыку Finfinnee, Boolee (Qe'ee warra Balfee Daadhii..Abdii...Jimaa) KUTAA 1 бесплатно в формате MP3:

Если иконки загрузки не отобразились, ПОЖАЛУЙСТА, НАЖМИТЕ ЗДЕСЬ или обновите страницу
Если у вас возникли трудности с загрузкой, пожалуйста, свяжитесь с нами по контактам, указанным в нижней части страницы.
Спасибо за использование сервиса video2dn.com

Описание к видео Finfinnee, Boolee (Qe'ee warra Balfee Daadhii..Abdii...Jimaa) KUTAA 1

Finfinnee, Boolee-Garjii
Qe’ee warra Balfee Daadhii Abdii.. Jimaa.. Badhaanee..

KUTAA 1
=========
Hidda Dhaloota Ummata Oromoo ujubni fi handhurri isaanii Finfinneetti awwaalame keessaa tokko warra JAHAN GALAAN. Jahan Galaan: Jidda, Liiban, Ada’a, Aabbu, Gaadullaa fi Warra Jaarsaati.
Maatiin warra Balfee Daadhii..Abdii.. Jimaa.. Badhaanee.. kan Buufanni Xiyaaraa Boolee qe’ee fi araddaa isaanii irraa golgoleeche kunis ilmaan Galaan keessaa Gosa Lamaan LIIBAN. Haati maatii kanaa Aadde Likkee Tufaa Badhaanee… immoo gosa Jiddaa irraa dhalatan.
Haati akaakayyuu isaanii (kan Daadhii Abdii deeche) Aadde Qarshii xiiqii Tufaa Araddoo immoo hidda warra Abeebee Tufaa Araddoo Jaarraati.(isaan immoo gosaan warra Ekkaati.)

Erga mooraa buufata xayaaraa keessaa kaafanii booda lafa karee 500, kan abbaan isaanii dhaalchise maatiidhaan adda qooddatanii qarqara laga Garjii jiraachaa jiru.
Manni isaanii hanga har’aatti kaartaa-pilaanii hin qabu. Sababni isaan kaartaa dhoowwataniif Buufanni Xiyaaraa ammas lafa babal’ifachuu waan maluuf asi irraayis ka’uu maltu kan jedhuudha.

“…Lafti Bataskaanni Goorgisii bakka awwaalaa waliin fudhate kun guutuun lafa qonnaa keenya ture. Abbaan keenyas asuma bataskaana kanatti awwaalame.(Siidaan yaadannoo ujuba/awwaala abbaa isaanii kun dhiyeenya kana diigameera. Siidaa guddaa irratti ijaarsisan irraa diiganii fudhataniiru. Isaanis gochaa kana har’uma nu waliin argan)Burqaa abbaan keenya qotee baase kan dhugnee dhiqannee irratti guddanni immoo amma xabala ‘Gorgisii, Maaramii, Gabreelii…’ jedhamee kunoo akkuma argitu kana manni xabalaa irratti ijaaramee fudhatameera… bakki bataskaanaa fi awwaalaa kun duraan WADDEECHA jedhama; Amma ‘Gorgis Safar’ jedhama. Muka waddeechaa guddaatu gubbaa sanarra ture; amma muranii balleessaniiru. muka waddeechaa kana jalatti waggaa waggaadhaan yeroo irreechaa Malkaa Finca’a-Kotobee irraa deebi’an KORMAtu jalatti qalama ture; seera guddaa qaba ture…” Ob. Alamaayyoo Balfee Daadhii..Abdii.. Jimaa.. Badhaanee..

“…Gololeen kun iddoo irreecha malkaa yeroo bu’an jalatti eebbifataniidha. Lagni Kotobee fi Finca’aa iddoo Gololee kanatti walitti makamee laga Garjiitti dabalama. (Gololeen kun ammayyuu hambaadhaan jira; garuu mooraa/dallaa namaa keessa jira) Irreecha Malkaa kanaa aniyyuu dhaqqabeen irreeffachaa ture; amma erga hafee tureera…Gololeen isaatis kunoo akkuma argitan mana nama dhuunfaa keessa jira...” Aadde Ballaxuu Balfee Daadhii..Abdii.. Jimaa.. Badhaanee...

“…Biyyeen Boolee jedhamu kunoo isa kanaadha; biyyee amala ashaboo qabu waan ta’eef loon ni arraabsisu… Bakki loon biyya biyyaa dhufanii itti arraaban ‘Arraabbee’ jedhamti… Biyyeen kun yoo walqabatu jabaataa waan ta’eef asfaaltii mooraa xiyyaaraa yeroo ijaaran asii qotanii haran…
Lafti oltubbeen nu duubarraan mooraa xiyaaraa keessatti muul’attu sun bakka ona keenyaati. Bakka irraa nu buqqisaniidha. Nuti sadan; ana, Ballaxuu fi Warquun achitti dhalanne. Ijoolleen nu boodan dhalatan immoo as iddoo amma jirru kana (laga Garjii qarqara)tti dhalatan….” Ob. Alamaayyoo Balfee Daadhii..Abdii.. Jimaa.. Badhaanee..

“…Manni keenya kun akka mana ‘Caraqaatti’ waan fudhatamuuf yoo diigames, yoo daandiin irra ooles kiisii/beenyaan nuuf hin kaffalamu. Ammayyuu dhiyeenya kana ji’oota muraasa dura daandiin lafa karee hedduu nurraa fudhatee beenyaa nu dhoowwatan; warri lafti keenyaa nurraa fudhatamee isaanif hirame immoo hunduu kaartaa qabu waan ta’eef yoo daandiin irra oole isaanif beenyaa ni kaffalamaaf…” Dr. Warquu Balfee..Daadhii…Abdii.. Jimaa.. Badhaanee..

Turtii bal’aa maatii kana waliin taasisne Kutaa 1ffaa ‘link’ kanaan Miidiyaa ARSADII irraa hordofaa.
Video link:    • Видео  
ARSADII: Miidiyaa Sirnaa
---------------------------------------------
Miidiyaa ARSADII hordofaa…
1. Fb page:   / arsadiimedia  

2. You Tube:
   / @arsadiimediamiidiyaaarsadii  

2. Telegram Channel: https://t.me/arsadii_media

3. Telegram Group: https://t.me/joinchat/PpLGH2L6SjBkMjZk


#BiyyaafiSirnaKeenya

Комментарии

Информация по комментариям в разработке

Похожие видео

  • О нас
  • Контакты
  • Отказ от ответственности - Disclaimer
  • Условия использования сайта - TOS
  • Политика конфиденциальности

video2dn Copyright © 2023 - 2025

Контакты для правообладателей [email protected]