JABAA SINGER EFA DESISA NEW ALBUM_3

Описание к видео JABAA SINGER EFA DESISA NEW ALBUM_3

JABAA!!
IFAA DEESISAA
0917048185

JABAA
Utuu lafti Kun hin uumamiiin utuu samiin Kun hintolfamiin siqofaatuu ture duranii
Gaafa lafti Kun badanii gaafa Samii Kun jiganii si qofaatuu hafa baraanii
JABAA JABAA JABOOTA CAALU ANSIQABA HORMA HIN ILAALU×2
JABAA JABAA_Siqaba Ani abbaa naaf dhimmuu
JABAA JABAA_Abbaa waa'ee kootiif falmu
JABAA JABAA_Goota iddookoo du'a duulee
JABAA JABAA_mo'ichaan na fuudhee galee
JABAA JABAA_Ani siqabaa×4
SI QABA!

Mootii mootummaansaa hindiigamne,barootaan kan hin gedderamne
Mootee jiraatta Bara hundumaa jabaan Akka keetii hindhalannee
Goota du'arra karaa baasee jallootaan afaan qabachiisee
Si malee eenyuree leencichi arfii du'aa kan narraa cabse
Seerota Kee eenyutuu bira darba hundumtuu of eggannoon jiraatuu
Guyyaa fi halkan daangaa walii hindarban kabajaan waliin JIRAATU
Yoo ati dubbatte du'aanuu si DHAGA'A EYYEKAA kan jiraa silaa maali
Yaa guddaakoo guddaa amma jettu geessu sijira samiin oli.
SIJIRA:_SAMII GARARRAA
SIJIRA:_ARDII KANARRRAA
SIJIRA:_HUNDA MO'ATE
SIJIRA:_HUNDAA INJIFATEE×2

Guddina Aangookee ilaalee nan dhabe jechan ittiin ibsu
Utubaa qaqqabadheen dhabe kan Samii asii ol ittisu
Gara sammuuukootti deebi'ee dhaabbadhee gaafan of ilaalu
Dubbiikeetuu ol ittise malee utubaan Samii Jala hinjiru
YAA ISA :-Duumessa GARARRAA biyyakee godhattee jiraattuu
YAA ISA :-Ifa dinqisiisaa keessa qofaakee jiraattuu
YAA ISA :-Dubbiikee tokkoon tulloota Akka gagaa baqsitu
YAA ISA :-Milluukee tokkoon Galaana diimaa Gogsitu
Akkikee hin jiru hin dhalatu!
YAA ISA :-Urjooota lakkooftee maqaa maqaa isaanii waamtu
YAA ISA :-Dhabduu hoomaa hin qabne fuutee haadha olmaan torbaa gootu
YAA ISA :-Du'a Afuru bulee waamtee boolla keessa kaastuu
YAA ISA :-dukkana ariitee halkan namaaf bariisistuu
Akkakee hin jiru hindhalatu
SIJIRA:_SAMII GARARRAA
SIJIRA:_ARDII KANARRRAA
SIJIRA:_HUNDA MO'ATE
SIJIRA:_HUNDAA INJIFATEE×2

SAMII GUBBAA TEESSEE ADDUNYAARRA EJJETTA
URJII SAMII JIRUU BAAYYINASHEE BEEKTAA×2
ATOO QIXXEE HINQABDU EENYUUN SI QIXXEESSAA???
ATI GUDDAA GUDDAAN OLII AMMA JETTU GEESSA×2
AMMA JETTU GEESSA×4


Music DASALEGN MAGARSA Abinezer LEAD:_ABINEZER BASS:-MILK,SAX:-MIXING MOTI TARESA,MASTERING ABAGAS
FEAT:_Amanuel Etana, Moti Taresa ,Lidiya Derese

Комментарии

Информация по комментариям в разработке