Ayana Tamiru - Gurraalee - New Ethiopian Oromo Music 2024 - ( Official Music Video )

Описание к видео Ayana Tamiru - Gurraalee - New Ethiopian Oromo Music 2024 - ( Official Music Video )

New Ethiopian Music 2024 | Oromo Music 2024 | Ethiopian Oromo Music Ayana Tamiru - Gurraalee - ( Official Music Video )

Melody and lyrics Yosan Getahun & Ayana Tamiru

             Gurraalee

Takkan kaasa kaasa kaasa
Takkan kaasa kaasa gurbee
Gurraacha akka maqaasaa

Wiirtuu Gurraalee
Oromticha maaltu wallaalee
Hangafa Kuushotaa
Abbaa Daalee

Hangafa Kuushotaa
Abbaa Daalee

Wiirtuu gurraalee
Oromticha maaltu wallaalee
Hangafa Kuushotaa
Biyya Dhaabee

Hangafa Kuushotaa
Biyyaaf gaalee

Situ ture situ jira
Abdiin suma
Gaafa xiiqi

Situ ture situ jira
Abdiin suma
Gaafa giiti

Situ ture situ jira
Sumaaf kan nutiis jiraanne

Kaleellee situ turee
Harraallee situ jira
Eegeeref illee
Abdiin Sumakaa

Maal haa ta'uu
Akkam haa sii ta'uu
Tuuqa kee hin danda'uu (2x)

Hammaatte sii hin argine
Tolteen galata kee dhabe
Abbaa biyyaa(2x)

Abbaa shaanqoo
siin toltii abbaa booraa
Gagarmaami chee jedhi
Biyya keerraa
Dhugaa haaltus Hin jirre
sobaan Uumtee
Biyya abbaan kee Morma itti
wareege gurbee

Ilmaatu jira caalee dhaalee
Akka kalee dhiirri sarmaare (2x)

Ilmaatu jira caalee dhaalee
Isa kalee goonni sarmaaree (2x)

Guŕracha Guģurree kaawoo qabi gurbaa
Guddicha jifaataa kaawoo qabi gurbaa
Tuqxee tututqxee kaawoo qabi gurbaa
Na qaqqabi jettaa kaawoo qabi gurbaa

Dhugaatu lallabaa kaawoo qabi gurbaa
Gooticha seenaasaa kaawoo qabi gurbaa
Baraaf bara darbee kaawoo qabi gurbaa
dhaabeefi siidaasaa kaawoo qabi gurbaa

Oooh enyu tuttuqu feeta (2x)

Dachii Goota
Hin danda'u tuqaa guguraaleenkee
Dachii Goota
Hortee qabda jabaa of hin qusannee
Dachii Goota
Dacheetu dubbataa kee ragaa bahee
Dachii Goota
Kukufiise kufaa siif biyyoo ta'ee
Dachii Goota
Ormaa fira hin jettu hunda dandeesse
Dachii Goota
Dahoo bara rakkoo meeqa sitti obsee
Dachii Goota
Hafee harra martu sitti hammaate
Dachii Goota
Dhabdee galata kee jibba siif laatee

Ilmaatu jira caalee dhaalee
Akka kalee dhiirri sarmaare (2x)

Ilmaatu jira caalee dhaalee
Isa kalee goonni sarmaaree (2x)

Jabeeffadhu gadaa   Kaawoo qabi gurbaa
Tikfadhuu tokkoomii Kaawoo qabi gurbaa
Gurraan nama galaa Kaawoo qabi gurbaa
Yoo bubbule ormii Kaawoo qabi gurbaa

Balballi morkiidha Kaawoo qabi gurbaa
Jiibaaf saaqa karaa Kaawoo qabi gurbaa
Walii galii guutii Kaawoo qabi gurbaa
Hirruu kee adaaraa Kaawoo qabi gurbaa


© Copyright: Ayana Tamiru. Any unauthorized use, copying, or distribution is strictly prohibited.

#newethiopianmusic2024 #neworomomusic #neweritreanmusic #newtigrignamusic #africanmusic #newamharicmusic

Комментарии

Информация по комментариям в разработке