Yadesa Shiri - Ethiopian Afan Oromo Protestant song -DIBATA IJAA BAASU/የበቀል ቅባት (Official Video)

Описание к видео Yadesa Shiri - Ethiopian Afan Oromo Protestant song -DIBATA IJAA BAASU/የበቀል ቅባት (Official Video)

#YadesaShiri #DibataIjaaBaasu #shakaayinaa
Official music video for "Dibata Ijaa Baasu" by Yadesa Shirii.
Subscribe to Yadesa Shire Official On Youtube for more videos.
Yaadoo:


Wangeelli mana koo gallaani aduun koo dhiite hin bariite
Miilli kee Yesuus mana koo ol Gallaani naqati du'aa naqati du'aa narraa adda baate
Utuu harki kee na dibuu argeera giimii abiddaa arraba kootti buuse
Ifni guddaan tokko mana koo ol galeera dukkana limixii mana kootii gadi baase

Onaa koorratti mul'attee waan gogaa naaf sochoofte
Dukkana kootu bari'e
Duunni mataatti ol na baate yaaddoon natti xaxame
Siin argee narraa ka'e
Erga gaafa ati maqaa koo harka keetiin katabdee
Galmee jiraatoo irratti
Jireenya kootu dabaleemi ulfina kootu dabale sichi ol malee gad miti
Safuu yaa ayyaana kee
Safuu yaa dibata kee
Safuu yaa ulfina keey

Kan ati ol qabde eenyutu gadi qaba
Harka keetu irraa deebisa daba
Eseqiin,Sixinaas yoo itti cufani
Reehoobootiin garuu takaa hin danda'ani.
Gubaa madaa koo situ qoricha itti naa cuunfe
Loltuu dhugaa koo nyaattuu situ narraa oofe
Ulfaadhu abbaa koo sidha nagaan koo
Ulfaadhu abdii koo sidha nagaan koo

1.Danuu lolamtus takkaa hin mo'amtu sanyiin warra Yesuus
Duunni labsameef lafarraa hin baddu qomoon Mardokiyoosi
Balballi Si'ol takkaa hin dandeessu laphee Yesuusiin baatu
Tilmaama diinaa bira ol darbeera sanyiin Heleel(Lucifer) nan nyaattu

Sitoo na dura deema
Cabsee sibiila diimaa
Olan deema
Na dibdee dibata ijaa baasu
Diina kootti abboomte laphee naasuu
Gandashii galeera ergaan naasuu
Simboo fi haaddidduushii irraa kaaftee
Hadheeffamuu kiyyaas ofii baattee
Naanimmoo ulfinaan lafaa kaaftee

Yesuus koo yaa gaaddisa koo
Baguma dhufte mana koo
Silaa yoona maal taati carraan koo

2,Manni Daawwit guddachaa deeme kaleessarra jabaachaa
Kan Saa'ol diinni nama dibataa ni deeme gad xinnaachaa
Ati garaa namaa jaallannaan karaa situ mijeessa
Dirree ulfinaa ati naaf ilaalte eenyutu na dhowwachiisa

Sitoo na dura deema
Cabsee sibiila diimaa
Olan deema

Bidiruun caccabus ce'uu hin oodles
Inni naaf dubbatus dhugaa hin haalle
Ba'aal Waaqa Eliyaasiin takkaa hin caalle

Bidiruun caccabus ce'uu hin oolu
Inni naaf dubbatus dhugaa hin haalu
Eebbi diinaa dursus Kan koo hin caalu
Situ na baase du'a qarmammeettii
Qabsoo dhiigaa qabdee golgotaatti
Siinan oole hin duune bakkeetti

Yesuus koo yaa gaaddisa koo
Baguma dhufte mana koo
Silaa yoona maal taati carraan koo

Комментарии

Информация по комментариям в разработке