Dhimma Somaaliyaa fi Itiyoophiyaarratti Yaada Miseensota Paarlaamaa| VOA Afaan Oromoo

Описание к видео Dhimma Somaaliyaa fi Itiyoophiyaarratti Yaada Miseensota Paarlaamaa| VOA Afaan Oromoo

Ityoophiyaanii fi kutaan Somaaliyaa, Somaaliilaand wal-hubannoo waligaltee ulaa galaanaa irra gahuu isaanii erga ibsanii booda mootummaa Ityoophiyaa fi Mootummaa feederaalaa Somaaliyaa giduutti muddamni uumame ittufma fufee jira. Dhimmichii biyoottan lamman irraa darbuudhaanis biyyoottan biroo kanneen akka Masrii naannoo sanatti harkisee jira. Dhimaa kana irratti gama Itiyoophiyaa fi gama Mootummaa Somaaliyaatii aangawoota haasofsiisne qabna. Gama Ityoophiyaatii Miseensaa Paarlamaa biyyattii kan ta’an Dooktar Diimaa Noogoo waahila keenya Mitikuu Fiqaaduu tu dubbise. Gamma Somaaliyaatiis miseensi paarlamaa mootummaa Feederaalaa Somaaliyaa Mursaal Khaaliif Sagalee Amerikaa, dame Gaanfa Afrikaatti dubbatanii jiran. Qaawaan dipilomaasii mootummaa Somaaliyaa fi mootumaa Itiyoophiyaa gidduutti umamme maal irraa ka’ee akka tahee fi rakkoon isaa eessa akka jiru gaaffii gaafatameef, deebii Doktar Diimaan kennaan irraa jalqabuudhaan waan aangawoonni lamaan dubbatan, Bafiqaaduu Morodaa qindeessee jira.

Sagaleen Ameerikaa Sagantaan Afaan Oromoo oduu fi qophiiwwan dhimmoota wayitaawoo, akkasumas aadaa, fayyaa, dargaggoota, siyaasa, qonna, misooma fi ispoortii laallatan Wixataa amma Jimaataatti galgala sa’aa 8:30 irraa jalqabee dhiheessa. Nu hordofaa.

» Subskiraayib godhaa: https://bit.ly/43rqZJa
» Vidiiyoo dabalataa laaluuf:    / voaafaanoromoo  

VOA Afaan Oromoo hordofaa:
» MARSARIITII – https://www.voaafaanoromoo.com
» FEESBUUKII KEENYA LIKE GODHAA –   / voaafaanoromoo  
» INSTAGRAAMII IRRATTI NUHORDOFAA –   / voaafaanoromoo  
» TWITERII IRRATTI NUHORDOFAA –   / voaafaanoromoo  

Комментарии

Информация по комментариям в разработке