"Intala fira isaa wajji zinaa dalaga." Dhaddacha Jaalalaa 25ffaa

Описание к видео "Intala fira isaa wajji zinaa dalaga." Dhaddacha Jaalalaa 25ffaa

Dhaddacha Jaalalaa
Galmee iyyannoo 53
Kabajamtoota qopheessitoota qophii dhaddacha Jaalalaa. Akkam jirtan, nagayaamii? Alhamdulillaah, baga jiraattan. Ani maqaan kiyya H.B jedhama. Barataa nuuralhudaati. Ykn nama Nuuralhudaarraa waa heddu barachutti jiru. Akkasuma nama fuudhee bultii qabu. Eega fuudhee barana waggaa shanaffaadha. Bultiin tiyya duraan bultii shari’aa islaamaa gaxxamuu baattus, Alhamdulillaah amma eega Nuuralhudaa dhageeffachuu eegallee booda, waggoota sadan dabran keessa waa heddutu jijjiirame. Anaafi haati warraa tiyyas qophiilee Nuuralhudaa haalaan hordofna. Jaartiin tiyya Qophii Jaaramaya bultii islaamaa hedduu hordofaa turte. Amma ammo ALHAMDULILLAH qophiin dhaddacha Jaalalaatis itti nuuf dabalamee jira. Amma gama iyyannoo kiyyaatti ceeha. An haadha warraa tiyya haalaan jaalladha. Wanti an isii irraa himachuu fedhu waanuma lama qofa. Jiruun addunyaa tanaa haalaan ulfaattuu taatee jirti. Jiruu ulfaattuu tana ammo wajji taphachaa, walitti qoosaa yoo oofan malee, jiruun tun nama jalaa achi hin deemtu. Kanaaf an yeroo heddu jaartii tiyya kabajamtuufi jaalatamtuu tana itti qoosa. Isiin ammo dubbii an qoosaaf dubbadhu dhugatti jijjiirtee natti mufatti. Wanti rakkoo jabduu natti taatee gama dhaddacha kanaa na fide tokko kana. Tan lammataa ammo, anaafi haati warrraa tiyya amata shanan kana keessatti ilmaan 3 argannee jirra. Biyya araba keessatti ilmoo 3 guddisuun haalaan waan nutti ulfaateef, isiin ilmaan fuutee gara biyyaa galuuf qophitti jirti. Garuu ana kophaa kiyya asitti na dhiistee na biraa deemuun hedduu itti ulfaate. Dubbii tanarratti walii galuu dadhabnee harkaa wal qabna. Isiin “ani kophaa kiyya hin galu wajji galla” jetti. An ammo biyya jiru tanatti waraqaa lafaa qaba. Asuma taa’ee dalagachuu barbaada. Mee kanarratti maal na gorsitan? Deebisaa keessan obsaan eeggadha.

Iyyannoo 2ffaa
Galmee iyyannoo 54
Kabajamtoota qopheessitoota Raadiyoo Nuuralhudaa qophii dhaddacha Jaalalaa. Baarakallaahu fiiku, Jazaakumullaahu khayran, Rabbiin isinirraa haa jaalatu. Qophii bareedduu tana nuuf qopheessuu keessaniif hedduu isin galatoomfanna. Ani iyyannoo hedduu nama gaddisiistuun isinitti dhufe. Maqaan kiyya T.H jedha. Abbaa manaa kiyya himachuuf gama keessan dhufe. Abbaan manaa kiyya kun baayyee na jaalata. Hedduu na kabaja. Maatii kiyyaafis nama gaariidha. Bultii jaarrachuufis bu’aa bahii guddoo keessa ceene. Inni hedduu waan na jaalatuuf, osoo maatiin isaa didan dubbii maatii isaa didee na fuudhe. Maatiin isaa akka inni na dhiisee intala biro fuudhu dirqamsiisuuf yaalii godhaa turan. Inni garuu ajaja maatii isaa didee na fuudhee jireenya gammachuu eegalle. Jiruun biyyaa fooyya’uu dinnaan wal fudhannee gara biyya araba dhufnee jiruu haaraya eegalle. Osoma biyya araba kanatti jiruu gaarii jiraachutti jirru, intalti isaaf durbii taatuuf takka biyyarraa dhufte. Intalti tun wayta dhuftu mana keenya qubatte. Firri isaa anaafis fira kiyya jedhee ofitti dhiheessee akka obboleettii tiyyaatti kunuunsuu eegale. Ammas jiruun teenya hin booroyne. Haaluma kanaan jiruu gammachuu itti fufne. Boodarra inni ka’ee gara biyyaa gale. Eega inni gara biyyaa galee booda dubbii hamtuu takka dhagahe. Jaarsi kiyya intaa durbii taatuuf ta nu bira qubattu tana wajji zinaa dalagaa akka ture ragaa quubsaan mirkaneeffadhe. Achi booda telefoona itti dhayee maali dubbiin akkanaa jedhee gaafadhe. “osoo an hin fedhin na dirqisiistee hamtuu tana na dalaysiiste. Dhiifama naaf godhi” naan jedhe. An dubbiin tun hedduu na dalansiiste. Yeroo heddu deddeebisee itti bibilee waan kana itti kaasa. “waanuma tokko yeroo meeqa dhiifama gaafataa oolla, yoo dhiifamni furmaata ka hin taanee kalaas wal gaggeessutu gaari” naan jechuu eegale. Jaarsi kiyyaafi intalti inni zinaa wajji dalage tun ammas telefoonaan wal dubbisan. Waan kanas quba qaba. Mee furmaanni kiyya maali? Mala maal naaf maltan, gorsa akkam naaf gumaachitan, murtii abbaa murtii obsaan eeggadha.



Copyright Notice:
Reuploading any of our videos or content to another YouTube channel or platform without our explicit consent is a violation of our copyright. We do not tolerate such actions.

We actively monitor for unauthorised use of our content. If we discover that our content has been reuploaded without permission, we reserve the right to take appropriate legal action, including reporting the infringement to YouTube and requesting the removal of the unauthorised content.

Комментарии

Информация по комментариям в разработке