Hariiroo Gaa'ela Kutaa 10ffaa

Описание к видео Hariiroo Gaa'ela Kutaa 10ffaa

SEEXANNI KALLATTII KAMIRRA GAA'ELA LOLA?
Seensa
Barumsa gaa'elaa yeroo barsifamu mata duree baay'ee irratti dubbatama. Haa tahu malee waa'ee seexanaa barsiisun ni irraanfatama. Seexanni garuu gaa'ela gaafa arge kaasee loluu jalqabe. Addaam kophaa isaa yeroo ture lola hin qabu ture. Erga Hewwaanii wajjin tokko ta'anii booda garuu lola isatti dhufe. Kanaafu yaada Waaqayyoo gaa'ela irratti qabu qofa utuu hin taane shoora seexanni gaa'ela keessatti qabus barachuun barbaachisa dha.
✝️ Kiristaanni waa'ee seexanaa hin beekne gowwaa dha.
✝️ Seexanaan mormuu jechuun afaaniin ifachuu ykn wacuu(iyyuu) qofa miti. Seexanaan mormuu jechuun JIREENYAAN (GOCHAAN) ittiin mormuu jechuu dha.
☆Fakkeenyaaf:
¤Jibbi yeroo jedhu- jaallachuu
¤Sobi yeroo jedhu- dhugaa dubbachuu
¤Ejji yeroo jedhu- qulqullaa'uu
¤Haaloo qabadhu yeroo jedhu-araaramuu
¤Hamadhu yeroo jedhu-gaarummaa dubbachu dha.

❤️Abbaan manaa fi Haati manaa maal irratti wal-lolu?

Abbaan manaaf haati manaa wanti walitti buusu sababa addaa addaa kan akka qabeenya, soddaa, mucaa dhabu ejjaa, garagarummaa aadaa fi ilaalcha tahu danda'a. Yeroo namni jaarsummaa taa'ee araarsuf yaalutti waanuma ijaan argamu akkasii himatama. Kanaaf rakkoon isaanii yeroo baay'ee furmaata fiixaan ba'e hin argatu. Sababni isaas:-
◇Haati manaaf Abbaan manaa waan isaan himatan mallattoo ( symptom) dha malee rakkoo sana miti.
◇Waan isaan rakkoo dha jedhan bu'uura (root cause) rakkoo sanaa miti. Kanaafu bu'uurri rakkoo gaa'elaa maali ?

#Rakkoo hundumaa duuba kan jiru HAFUURA dha. Hafuurichis diina gaa'elaa isa ta'e seexana dha.

《》Seexanni maal godhe?

Jalqaba Seexanni Waaqayyoon hammeesse. 》 Miidhagummaan Waaqayyo kan irra muldhatu Addaamin Waaqayyo irratti kakaase 》 namni wal-hammeesse; maddi rakkina ana miti jedhe 》 namni (Addaam) Waaqayyoon hammeesse 》 Haadha manaa isaa (Hewwaan) hammeesse 》 Hewwaan bofa hammeessite. (Uma 3:1-13 ilaali)
《》 Kana booda wal- hammeessu fi wal-hadheessuu baay'ate qooda mo'icha salphinni, wal irratti ka'uun iddoo qabate.

¤ Waan Addaam fi Hewwaan gidduu ture har'ayyuu gaa'ela gidduu jira. Kanaafu Waaqayyo bu'uura rakkoo isaanii akka armaan gadiitti isaan beeksise:
☆Seexanni bifa bofaan akka isaanitti dhufe hidda rakkoo sana itti hime.
☆Furmaati isaas dubartittii irraa kan dhalatu [Yesuus Kiristoos] mataa Seexanicha akka dhidhitu itti hime.
✝️Abdii mo'ichaa kennames Yesus akka dinqiitti fiixan baase

"Wanta nu irratti caafamee ture,
isa nutti hin tolin sana,waan inni karaa seeraa nu irraa barbaaduu wajjin duguugee fannootti cinqaarsuu isaatiin iddoo isaatii balleesseera. Fannoo sana irrattis Kristos warra qilleensa irraa gooftummaa qabanii fi humna qaban harka duwwaa hambisee bakkeetti isaan mul'isuudhaan salphisee isaan argisiise."
(Qol 2:14-15)

❤️Dargaggeessaa fi Dargaggeettiin gaa'ela eebbaa qabu qabaachuf fuudhaa fi heeruma dura maal wal gochuu qabu?

☆Fuudhaaf heeruma dura wanti dursa of-gaafachus tahe wal-gaafachu qabnu HAFUURA HIDDA SANYII keessa jiru ta'uu qaba.
Sababni isaas eebbis, abaarsi dhalootaa dhalootatti waan darbuufi( Ba'uu 34:7)

●Qabeenya, sadarkaa barumsa, qomoo, bifa, bakka dhalootaa fi waan ijaan argamu gaa'ela hin ijaaru. Gaa'ela Waaqayyotu ijaara.

☆Kanaaf maal haa goonu?
1.Abaarsa (hafuura hidda sanyii) ofii keessa jiru qorachuu
2.Inni ishee qorachuu; isheen isa qorachuu
3.Isa booda adda baafatanii sirriitti barreessu Fknf Ejja, Of-tulummaa, Ejja Arrabsoo, Hanna, Soba, Albaadhummaa fi.k.k.f. tahu danda'a.
4.Qalbii jijjirachuun abaarsa sana cabsuu.

Xumura
Gaa'elli baay'een kan diigamu iccitiin isaa hafuura dha. Dhiiraa fi durbi tokkos utuu wal-hin fuudhin dura ifaaf bilisaan taa'anii isa kana adda baasu qabu. Yeroo kanas ogummaadhaa fi ofitti dhugaa tahuun malee wal dhoksuun hin barbaachisu. Achiis ana bira isa kanatu jira, si bira kanatu jira jedhanii tokkummaadhaan irratti qalbii jijjirachuu fi hojjechu, akkasumas ifachuun barbaachisaa dha. Yoo akkas godhame gaa'elli eebba qabu qabaachun in danda'ama.

Комментарии

Информация по комментариям в разработке