Jaarsa kiyya yaadee nin gala jechuu qaanfadhe - Dhaddacha Jaalalaa Doosee 13ffaa

Описание к видео Jaarsa kiyya yaadee nin gala jechuu qaanfadhe - Dhaddacha Jaalalaa Doosee 13ffaa

Iyyannoo duraa.

As wr wb. Akkam jirtu qopheessitoota qophii dhaddacha Jaalalaa, carraa kana nuu kennuu keessaniif hedduu hedduu isin galatoomfanna. Ani maqaan koo H jedhama. Bakkin ani jiraadhu Saudi Arabiyaadha. Iyyannoon tiyyas akka asii gadiiti. Ani haadha warraa jaalatamtuufi kabajamtuu qaba. hedduun isii jaaladha. Akkasuma isiinis hedduu na jaalatti. Jireenya kabajaafi jaalalaa osoo jiraachutti jirru, dhiheenya kana rakkoon nu jiddutti argamtee furmaata barbaaduuf gama dhaddacha kanaa dhufe.

duuran hogga buultii jarrannu haala biyyaatiin wal fuuna naan jette. Aniis hayyee rakkoon hin jirun jedhen. Waan na barbaachisu hunda naaf guuttaa naan jette, eeyyen waan ati feetu hunda siifin guuta jedheen. Hayyee maatii kiyyaaf birria 50, 000 akka kennitu fedha naan jette. Haayyee nin kenna. Garuu eega wal fuunee booda kenna jedheen. Akkasitti nikaah godhannee eega wajji jiraachuu eegallee amma baatii 4 keeysa jirra. Dhihoo tana waan ahdii naaf seente san maatii kiyyaaf ergi naan jennaan, lakki waan kana godhuu hin dandau. Wanti kun shari’aa islaamaatiin dhoorkaadha jedhee dide. Isiinis hedduu dallante. Yoo mallaqa ahdii seente san maatii kiyyaaf ergite wajji jiraana. Ykn addaan baana naan jette. Rakkina kanaaf furmaata barbaaduuf gama dhaddacha kanaa dhufe. murtii abbaa murtii obsaan eeggadha.


Iyyannoo 2ffaa

As wr wb. Kabajamtoota qopheesittoota dhadacha jaalalaa, qophii bareedaa kana nuuf qopheessuu keessanif Hedduu Galatoomaa. itti Ansuun Ani maqaan koo A. B Jedhama. Abbaa Manaa koo hedduu jaaladha tassumallee sagalee isaa dhabee olee buluu hin dandahu. inis Akkasuma Garuu osoo jaalala bareeddu tana wolfi qabnuu jireenyii Addaan Nu fageessitee Halaala wal yaadutii jirra. Inni biyya jira. An ammoo biyya alaa jira. Halaalarraa yaaddoon hedduu na miidhutti jirti. Sababaa adda fageenyaa kanaaf hedduu yaaddawee inumaa yeroo garii itti aaruu eegalee jira. Nin gala jechuuf qaanfii natti taate. Use taa’uuf ammoo hedduun isa yaade. Furmaanni kiyya maali? Murtii abbaa murtii obsaan eeggadha.




Copyright Notice:
Reuploading any of our videos or content to another YouTube channel or platform without our explicit consent is a violation of our copyright. We do not tolerate such actions.

We actively monitor for unauthorised use of our content. If we discover that our content has been reuploaded without permission, we reserve the right to take appropriate legal action, including reporting the infringement to YouTube and requesting the removal of the unauthorised content.

Комментарии

Информация по комментариям в разработке