"Yoo an dadhabee alaa galu 'ka'ii nyaata godhi' naan jetti" - Dhaddacha Jaalalaa 40

Описание к видео "Yoo an dadhabee alaa galu 'ka'ii nyaata godhi' naan jetti" - Dhaddacha Jaalalaa 40

Namoonni biyyoota Faranjii irraa Nuuralhudaa utubuu feetan, liinkii asii gadii banaa buy me a coffee irratti miseensa Nuuralhudaa tahaa. https://buymeacoffee.com/nuuralhudaa/...

Namoonni biyyoota Arabaafi Oromiyaa irraa nu gargaaruu feetan
Baankii Daldala Ityoophiyaa
Lakkofsa herrega Baankii: 1000649659908
Maqaa: Edris Abduro and Mohammedawol

Baankii Hijraa
Lakkofsa herrega baankii 1007128830001
Maqaan Edris Abduro and Muhammedawol

Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa
Lakkofsa herrega Baankii: 1052300216548
Maqaan Muhammadawol and Edris Abdurroo

Lakkofsa Whatsapp: +251954520058
Iyyannoo 1ffaa lakkofsa galmee 80As wr wb. Akkam jirtan qopheessitoota raadiyoo Nuuralhudaa qophii dhaddacha Jaalalaa, Maqaan kiyya H.A jedhama. Iyyannoon kiyya akka asii gadii kana. Aniifi abbaan manaa kiyya eega walitti dabalamnee amata 3 guunnee jirra. Akkasuma ilmoos ni qabna. Alhamdulillaahi Rabbil Aalamiin. Gaafa dura bultii jaarrannu, anaafi innis ooso quba hin qabne maatiin keenya nu duuba dubbii fixan. Osoo waan tokko naaf hin himin nikaaha nuuf godhan. Booda dubbii tana akkuma dhagaheen, ani nama kana hin fedhu. Nikaaha kana narraa buusaa, ani nama kana haalaan kabaja. Haalaan isa qaanfadha. Akka jaartiitti isa wajjiin jiraachuu hin dandau jedhee maatii kiyyatti hime. Maatiin kiyyas namni kun si jala hin dabrin, inni nama dalagatu, nama iimaana gaarii qabu. Qaanfiin ati isa qaanfattu yeroma muraasa qofaaf tura naan jedhan. Aniis gorsa maatii kiyyaa fudheee itti seene. Amma amata 3f wajji jiraannee jirra. Alhamdulillaah, bultii gammachuu bultii kabajaa qabdu wajji jiraachutti jirra. Garuu waan tokkotu yaaddoo natti tahee gama dhaddacha kanaa dhufe. Shari’aa islaamaa keessatti fedhii intalaa malee nikaaha godhuun hin tahu jechuu dhagahe. Akkuma isinii hime an gaafa duraa isa wajji jiraachuu hin fedhu jedhee didee ture. Sababaa saniif nikaaha kiyya shakkee yaaddoo keessa jira. Mee maal naan jettan, murtii abba murtii obsaan eeggadha.

Iyyannoo 2ffaa lakkofsa galmee 81
As wr wb qopheessitoota raadiyoo Nuuralhudaa qophii dhaddacha Jaalalaa, nageenyi Rabbii isinirratti haa jiraatu. Kabajaan an isiniif qabu haalaan guddaadha. Qophii keessan irraa faaydaa guddaa argachutti jirra. Rabbiin adduyaafi aakhiraa isin haa milkeessu jechaa gama iyyannoo tiyyaatti dabra. Waggaa 2 dura bultii jaarradhe. Alhamdulillaah, bultii qananii jiraachutti jirra. Jaartiin tiyya waa hundaan naaf taatee jirti. Haala jiruu yeroo ammaa walumaan quba qabna. Waan an dalagee argadhu qofaan bultii oofuun wan danda’amuu miti. Kanaaf isiinis dalagaa xiqqoo takka argattee guyyaa walakkaa achi ooltee galti. An ammoo ganama bahee galgala manatti deebi’a. galgala wayta dalagaarraa deebi’u jaarti tiyya waa heddu gargaara. Meeshaa dhiquu, nyaata godhuu, huccuu miicuufi waan hunda isii gargaaree wajji hojjadha. Gaafa haalaan dadhabe qofa arra dadhabee jira dhiifama jedhee boqonnaa fudha. Garuu yeroo dhihoo asitti wantoonni heddu kallattii jijjiirachuu eegalan. Gaafa duraa an fedhinnaa tiyya qofaan isii gargaaruu ture. Osoo isiin waan takka natti hin dubbatin waan dalagamuu qabu hunda dalaga. Amma gaaruu wantin gaafa duraa fedhinnaa tiyyaan dalaguu ture hundi, dirqama narratti taate. Inuuhuu yeroo garii waantoota muraasaa irratti na eeydi. Yoon osoo hin dalagin dhiisee biraa rafe, ganama hirriibaa kaatee natti dubbatti, maaliif kana hin godhin, maaliif meeshaa hin dhiqin, maaliif huccuu hin dhiqin…. Akkanaafi akkas jettee gaafii heddu na gaafatti. Guyyaa hunda dadhabee biraa rafe dhiifama jedhaan. Garuu kijibutti jira. Dadhabbii takkallee hin qabu. Baatii lameen dabran kana ammoo wanti kun daranuu hammaate. Gaafa garii hiraata malee bulla. Dalagaarraa galee osoon ani taa’ee nyaata eeggadhu, gama mana hirriibaa seentee ciisti. Maali hiraanni hin jiruu jedhee hoggaan gaafadhu, gaafa garii atis hojjadhu, maal ana qofatu hojjataa naan jetti, akkasitti gaafa garii halkaniin ka’ee nyaata godha. Ykn osoma garaan na wacu beelaan bula. Mee furmaanni kiyya maali. Inumaa yeroo garii, osoo gaafa duraa gargaaruu baadhee jedheen gaabba. Xiqqoo turee ammoo, jaartii ofii gargaaruun sunnaa Rasuulaati jedhee if tasgabbeeysa. Sababuma kana bultiin teenya jeeqamutti jirti. Murtii abbaa murtii obsaan eeggadha. Galatoomaa.


Copyright Notice:
Reuploading any of our videos or content to another YouTube channel or platform without our explicit consent is a violation of our copyright. We do not tolerate such actions.

We actively monitor for unauthorised use of our content. If we discover that our content has been reuploaded without permission, we reserve the right to take appropriate legal action, including reporting the infringement to YouTube and requesting the removal of the unauthorised content.

Комментарии

Информация по комментариям в разработке