OROMIA11: Oduu 8-29-2024

Описание к видео OROMIA11: Oduu 8-29-2024

OROMIA11: Oduu 8-29-2024

1.Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Boolee aanaa 13 bakka addaa Salaam Safar jedhamee waamamutti dhagaan sigigaachuun lubbuun namoota 3 darbuu ibsame.  

2.Yunivarsiitii Dirree Dhawaatti Barsiisonni Barnoota gannaa digirii hordofaa jiran 8000 ol Yunivarsiticha irraa komii qabaachuu himan.

3.Hojjattoonni Baankii Daldala Itoophiyaa kumaatamaan lakkaawwaman beenyaa malee hojiirraa gaggeeffamuuf akka jiran himan. 

4.Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa badhaasa damee daandii filatamaa kilaastera diinagdee Afrikaaf kaadhimameera. 

5.Ambaasaaddarri Ameerikaa hoggantoota bulchiinsa yeroo Tigraay fi TPLF waliin marii bu’a qabeessa taasisuu ibsan. 

6.Filannoo dura taa'ummaa Komishinii Gamtaa Afrikaaf ji'oota booda Finfinneetti gaggeeffamuuf hogganoonni biyyoota Baha Afrikaa mormituu Keeniyaa Raayilaa Odiingaa deeggaran.

7.Barreessaan Olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii fi Gamtaa Awurooppaatti Komishinarri deeggarsa namooma oppareshiniin Israa’el Weest Baank keessatti gaggeessaa jirtu hatattamaan akka dhaabbatu gaafatan.

8.Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa umrii waggaa 20 gadii Peeruu magaalaa Liimaatti gaggeeffamaa jiruun har’a fiigichi xumuraa gufachiisa meetira kuma 3 koorniyaa lamaaninuun ni gaggeeffama.

Комментарии

Информация по комментариям в разработке