Dhiira Zinaa Dalaguu isaa Jaartiif Himu - Dhaddacha Jaalalaa 39

Описание к видео Dhiira Zinaa Dalaguu isaa Jaartiif Himu - Dhaddacha Jaalalaa 39

Iyyannoo 1ffaaGalmee iyyannoo 79
Aniifi abbaan warraa kiyya waggaa 9 dura bultii jaarranne. Alhamdulillaah, Rabbiin ilma 1 nuu kennee jira. Yeroo muraasa eega biyya keessa wajji jiraannee booda kaanee gara biyya arabaa dhufne. Adaduma oollee bulluun jaalalli inni naaf qabu hir’achaa dhufe. Ani garuu haalaan isa jaaladha. Biyya arabaa tana keessatti dubartii halaal isaaf hin tahin wajji haraama dalaguu isaa dhagahe, dubbii tana isa gaafannaan, eeyyen dhugaadha haraama dalagee jira naan jedhe. Boodarra kaanee gara biyyaa galle. Eega biyyatti gallee yeroo muraasa jiraannee booda, jiruun biyya tanaa ulfaattuudha. Ammas biyya arabaatti deebi’ii dalagadhu naan jedhe. An ammoo lakki deemuu hin fedhu jedhee dide. Inni garuu deemuu qabada dirqama naan jennaan ka’ee gara biyya arabaa deebi’e. eega gara biyya arabaa deebi’ee booda waggaa tokkoof waan dalagadhu isumatti ergaa ture. Inni garuu mallaqa an itti ergu hunda ni balleesse. Boodarra issatti erguu dhiise. Amma galuu fedha haa galuu jedhee gaafannaan, lakki hin galinii achuma taa’ii dalagadhu naan jedhe. Haala jiruu isaa namarraa wayta odeeffadhu, intala biro wajji hamtuu akka dalagu naaf himan. Ammas maali dubbiin akkanaa jedhee gaafannaan, eeyyen dhugaadha naan jedhe. An gama kiyyaan hedduu obse. Guyyarraa ni jijjiirama jedhee obsaan eege. Garuu inni daranuu hammaachaa deeme. Mee furmaanni kiyya maali. Ammas ittuma obsii waan inni si ajaje ajajamaafii wajji jiraadhu naan jettan moo, furmaanni kiyya maali? Murtii abbaa murtii obsaan eeggadha. Galatoomaa.

Namoonni biyyoota Faranjii irraa Nuuralhudaa utubuu feetan, liinkii asii gadii banaa buy me a coffee irratti miseensa Nuuralhudaa tahaa. https://buymeacoffee.com/nuuralhudaa/...

Namoonni biyyoota Arabaafi Oromiyaa irraa nu gargaaruu feetan
Baankii Daldala Ityoophiyaa
Lakkofsa herrega Baankii: 1000649659908
Maqaa: Edris Abduro and Mohammedawol

Baankii Hijraa
Lakkofsa herrega baankii 1007128830001
Maqaan Edris Abduro and Muhammedawol

Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa
Lakkofsa herrega Baankii: 1052300216548
Maqaan Muhammadawol and Edris Abdurroo

Lakkofsa Whatsapp: +251954520058

Iyyannoo 2ffaa
Galmee iyyannoo 80
Qopheessiotoota raadiyoo Nuuralhudaa qophii dhaddacha Jaalalaa, akkam jirtan? Nageenyi Rabbii isinirra haa jiraatu. Maqaan kiyya A.B jedhama. Kanin jiraadhu Saud Arabiya Magaalaa Riyaad. Waggaa 2 dura haadha mana tiyyaa wajji bultii jaarranne. Gaafa bultii jaarrannu isiin haalaa amala bareedaa qabdi. Waan heddu wajji haasoynee Qur’aanas anaatu si qaraasisa jedheenii akkasitti wal fuune. Eega ilmoo 1 argannee booda amalli isii jijjiiramuu eegale. Salaatas ni dhiiste. Maaliif salaata dhiiste jedhee hoggaan gaafadhu. Nuti lameenuu qabrii kopha kophatti qabna. Atiis qabrii tee seenta, aniis qabrii tiyya seena naan jette. Haalaa amalli isii guyyarraa hammaachaa dhufe. Amma kaardii diimaa agarsiisuuf qophaayee jira. San dura garuu murtii Abbaan Murtii dhaddacha jaalalaa naaf dabarsu dhagayuu fedha. Galatoomaa.

Copyright Notice:
Reuploading any of our videos or content to another YouTube channel or platform without our explicit consent is a violation of our copyright. We do not tolerate such actions.

We actively monitor for unauthorised use of our content. If we discover that our content has been reuploaded without permission, we reserve the right to take appropriate legal action, including reporting the infringement to YouTube and requesting the removal of the unauthorised content.

Комментарии

Информация по комментариям в разработке