Guta Teklu - Waaqayyo Gaarii dha

Описание к видео Guta Teklu - Waaqayyo Gaarii dha

Waaqayyo gaarii dha(2x)
Araarriif jaalalli isaa bara baraan jiraataadha


Kan odeeffamu dhaga'amu martiinuu
Yoo wal hore illee wal baa'isee badiisnuu
Hojiin seexanaa dachee yoo dukkaneesse
Duuka buutuu isaa yaada hamaan bobbaasee
Kan natti argamu haala jiru keessaatti
Isa hin jijjiiramne garraamummaa Gooftaati

Waaqayyo gaariidha(2x)
Araarriif jaalalli isaa bara baraan jiraataadha

Dhaloonni darbee dhaloota amma jirutti
Dhaamsa inni qabuu itti aanee isa dhufutti
Kan ijaan argee harkaan kan qaqqabatee
Akka siidaatti dura isaa kan dhaabate
Waa tokko qofaa kan ittiin dinqiifame
Bara baraani gaarummaa hin sochoone

Barri, oduun, yeroon, namni gaariin yoo dhibee
Waaqayyo gaariidha(2x)

Комментарии

Информация по комментариям в разработке