"Yoo inni firaashaaf na barbaadu ani nin dida" Dhaddacha Jaalalaa 22

Описание к видео "Yoo inni firaashaaf na barbaadu ani nin dida" Dhaddacha Jaalalaa 22

Lakkofsa Galmee 47

As wr wb. Akkam jirtan kabajamtoota qopheessitoota dhaddacha Jaalalaa. Maqaan kiyya B jedhama. Iyyannoon kiyyas akka asii gadii kana.
Aniifi Abbaan manaa kiyya osoma kabajaafi jaalalaan wajji jiraannu, Rabbiin ilmoo nuuf kenne. Osoo an daa’ima dhalattuu wajji ciisu, jaartii 2ffaa narratti fuudhe. Achi booda haalaa amalli kiyya hundi ni jijjiirame. Innis amala natti jijjiirrate. An akka dura kabajaa isaaf hin qabu. Waanuma hundaaf loluunii eegale. Innis akkasuma kabajaa naaf dhabe. Yoo bakka firaashaa tahe malee, haajaan inni na bira dhufuuf ni dhaabbatte. Wayta haajaa firaashaatiif inni natti dhufus, ani yeroo heddu ni dida. Inni gama isaatiin amala natti jijjiiratus, wana naaf barbaachisu hunda naaf guuta. Masruufa guutuu naaf baasa. Garuu gammachuun gaafa duraa ni jidduu jirtu sun nu jidduu mulqamtee jirti. Sababaan inni jaartii 2ffaa fuudheef naaf hin galle. Shari’aan islaamaa haga jaartii 4 fuudhuu akka hayyamu nin beeka. Garuu sun nama dandau qofaafi. Inni garuu jaartii 2 bulfachuu nama dandauu miti. Mee nasiihaa maal nuuf dhaamtan. Anaafi isaafis waan faaydaa qabu nuuf dhaamaa. Galatoomaa.

Iyyannoo 2ffaa
Lakkofsa Galmee 48. As wr wb. Akkam nagaya jirtuu qopheessitoota qophii dhaddacha Jaalalaa. Baga nagaya jiraatan. Iyyannoon kiyyas akka asii gadii kana. Maqaa kiyya yeroof ibsuu hin barbaadu. Ani amma dura waggaa 8 dura bultii jaarradhe. Jaartii tiyya wajji as biyya arabaatti nikaaha hidhanne. Isiin abbaa hin qabdu. Yeroo nikaaha hidhannu san nama maatii isiitti ergee bilbilanii akka gaafatan godhe. Isiin adeera 2 qabdi. Inni tokko biyya jira. Tokko ammo Yaman jira. Adeera isii ka biyya jiru san telefoonaan gaafannaan, namuma itti bilbile saniin an si wakkaladhee jira atummaan nikaaha godhi jedheen. Achi booda namni sun adeera isii irraa bakka bu’ee nikaaha nuuf godhe. Amma yeroo nuti ilmaan walirraa horree gammachuun wajji jiraachutti jirrutti, adeerri isii ka Yaman kun mullate. Eenyutu nikaaha isinii godhe jedhee nu gaafate. Nutiis haala nikeenni itti hidhame himneef. Nikeenni keessan hin jiru. Haala kanaan nikaaha godhuun hin tahu nuun jedhe. Sababaa tana jiruun teneya jeeqamtee jirti. Mee tanarratti maal nuun jettan? Furmaanni keenya maali?



Copyright Notice:
Reuploading any of our videos or content to another YouTube channel or platform without our explicit consent is a violation of our copyright. We do not tolerate such actions.

We actively monitor for unauthorised use of our content. If we discover that our content has been reuploaded without permission, we reserve the right to take appropriate legal action, including reporting the infringement to YouTube and requesting the removal of the unauthorised content.

Комментарии

Информация по комментариям в разработке