"Isiin sa'aa 24 haasawuu feeti, ani haasawa hin jaaladhu" Dhaddacha Jaalalaa 23

Описание к видео "Isiin sa'aa 24 haasawuu feeti, ani haasawa hin jaaladhu" Dhaddacha Jaalalaa 23

Galmee Iyyannoo 49
As wr wb
Akkam jirtan qopheessitoota qophii dhaddacha Jaalalaa. Ani maqaan kiyya M.A jedhama. Saudi Arabia keessa jiraadha. Abbaa manaa kiyya wajjiin karaa Rabbiin Jaalatuun wal fuune. Alhamdulillaahi Rabbil Aalamiin. Abbaa manaa kiyya akkaan jaaladha. Jaalala isaaf qaburraa, huccuu inni naaf bite gaafa isiin dhumtes gatuun hedduu na marara. Kuni jaalala isaaf qaburraa madde. Osoma jaalala mi’ooytuu wajji dhandhamutti jirru, wanti hamtuun takka dhuftee jiruu teenya booressutti jirti. Amma dura mallaqa namarraa liqeeffannee deeynii namaattu nurra jira. Mallaqa kana kafaluun ammo hedduu nutti ulfaate. Namni nuti mallaqa irraa liqeeffanne fira gama kiyyaan jiru. Kanaaf mallaqa isaanii gaafachuuf telefoona isaa irratti wayta bilbilan, inni telefoona jalaa hin kaasu. Yeroo heddu irra deddeebi’anii eega itti bilbilanii booda gama kiyya bilbilan. Jaarsi kee telefoona nurraa kaasuu dide maali rakkoon jedhanii na gaafatan. Haalumatu mijjaawuufi dhabe, deyni nurra jiru ni kafalla xiqqoo nuuf obsaa jedheen. Achi booda Abbaa manaa kiyyarraa hayyama fudhee anis dalagatti bobbahe. Hanga humna tiyyaatiin carraaqadhee mallaqa fidee itti kennee nurraa galchi jedheen. Ani deynii tana ofirraa baasuuf hedduu jarjaree jira. Inni ammo faallaa kanaati. Mallaqa isaanii suuta galchina ammaaf haajaa nutti jirtuun bahanna naan jedha. Deynii namaa maaliif of irra tursiisna. Guyyaa qadarri Rabbii dhufu hin beekanii nurraa kafali yoo jedhuun, in shaa ALLAAH ni kafalla. Dura haajaa teenya xumurra naan jedha. Sababaa kanaaf jaalalli teenya boorayuu eegalte. Mee furmaanni kiyya maali. Murtii abbaa murtii obsaan eeggadha. Galatoomaa.


Galmee Iyyannoo 50
As wr wb
Akkam jirtan qopheessitoota qophii dhaddacha Jaalalaa. Akkam nagaya fayyadhaa? Baayyee nama gammachiistan. Qophiin dhaddacha Jaalalaa kun baayyee nama gammachiisa. Waahee iccitii keenyaa, waan nuti yeroo dheeraaf itti rakkachaa turreef furmaata gaarii nuuf fide. Dalagaa ajaa’ibaa tanaaf Rabbiin mindaa keessan ol isinii haa kaasu jechaa gama iyyannoo tiyyaatti ceha. Aniifi jaartiin tiyya eega wal fuunee waggaa 2 guutuuf waa xiqqotu nuuf hafa. Jaalalli isiin naaf qabdu haalaan guddaadha. Anis akkasumatti isii jaaladha. Waan tokko qofarratti xiqqoo walii galuu dadhabne. An haasawa dheeraa isii wajjiin haasawuu hin barbaadu. Isiin garuu sa’aa 24 guutuu anuma wajji haasawuu feeti. Gabaabumatti an haasawa dheeraa hin fedhu. Isiin haasawa dheerratti jechuudha. Dhimma kanatu rakkoo xiqqoo jiruu teenyatti fide. Mee furmaanni keenya maali? Maal nuuf dhaamtan? Gabaabsee waan tokko isiniif himuu barbaada. Jaartii tiyya nin jaaladha. Garuu haasawa dheeraa isii wajjiin haasawuu hin fedhu. Sababaan haasawa dheeraa isii wajji haasawuu hin barbaanneef maali yoo naan jettan, anis deebisaa gaafii kanaa hin beeku. Waan kana fedhuu dhabuu kiyya qofa hubadha. Galatoomaa.



Copyright Notice:
Reuploading any of our videos or content to another YouTube channel or platform without our explicit consent is a violation of our copyright. We do not tolerate such actions.

We actively monitor for unauthorised use of our content. If we discover that our content has been reuploaded without permission, we reserve the right to take appropriate legal action, including reporting the infringement to YouTube and requesting the removal of the unauthorised content.

Комментарии

Информация по комментариям в разработке