Hariiroo Gaa'ela Duraa kutaa 3ffaa Jaalalli Eeenyummaa Waaqayyooti

Описание к видео Hariiroo Gaa'ela Duraa kutaa 3ffaa Jaalalli Eeenyummaa Waaqayyooti

🛑 HARIIROO GAA'ELA DURAA Premarital Relationship
Kutaa 3ffaa
Aadde Leensaa Guddinaatiin

👉Akkuma kutaawwan lamaan darban keessatti hubachuuf yaalle, akkuma ijaarsi manaa hundee (basement) irraa jalqabu,  ijaarsi hariiroo (gaa'elaa) hariiroo Waaqayyo wajjin qabnu irratti hundee godhata. Kana achitti jabaachu hin danda'u.

💙JAALALA EENYUMMAA WAAQAYYOO

Jaalala Waaqayyoo 1Yoh. 4:16
"Nuyis jaalala Waaqayyo nuuf qabu hubanneerra, amananneerras. Waaqayyo jaalala; namni jaalalatti qabamee jiraatus Waaqayyo keessa in jiraata, Waaqayyos isa keessa in jiraata" 1Yoh. 4:16
— Akkuma kutaa 1ffaa keessatti namni Waaqayyo wajjin hariiroo yoo qabaatu amala Waaqayyoo dhaalaa deema jenne, amalli Waaqayyoo inni namni dhaaluun irra jiraatu tokko jaalala dha jenne turree.
— Namni yoo jaalalatti qabamee hin jiraanne aboo ilmummaa isaatu sarbama. Sababni isaa Mucaa Waaqayyo jaalalatti qabamee jiraata waan taheef(1 Yoh 4:7 ilaali)
— Yeroo Qaayin obboleessa isaa Abeelin ajjeese, Waaqayyo Qaayiniin "Abeel obboleessi kee eessa jira?" jedhee yoo gaafatu, Qaayin immoo deebisee, "Ani hin beeku, obboleessa koo natu eegaa?" jechuudhaan deebise. 
— Waa'ee nama tokkoo hin beeku jechuun ykn dhimma dhabuun jibba argisiisa. Jibbi yoo garaa nama seene dafanii qalbii jijjiirrachuutu namarra jiraata.

🛜Jaalalli isaa maaliin of muldhisa?
1️⃣Jaalalli kennuudhaan of beeksisa.
— Kennuudhaan alatti jaalalli muldhatu hin jiru
Yoh. 3:16
"Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate;..."
— Haa ta'u malee jaalalaan alattis kennuun ni jira. 1Qor. 13:3
"Wantan qabu hundumaa warra dhabaniif hiree, ittiin of jajuudhaafis dhagna koo iyyuu dabarse kennee,  jaalala yoon qabaachuu dhabaadhe garuu, homaa waa'ee anaaf hin baasu"
— Jaalalli waan hin deebine laata (fkn lubbuu) kennees immoo hin gaabbuu.

2️⃣Jaalalli aarsaa gaafata 1Yoh. 4:9
"Waaqayyo akka nuyi isaan jireenya argannuuf, tokkicha ilma isaa gara biyya lafaatti erge; kanaan jaalalli Waaqayyoo nu gidduutti in mul'ate"
— Nuyiin obboleessa keenya jaallachuutu rakkoo nutti ta'a, Waaqayyo garuu diinota isaa warra turaniif tokkicha ilmasaa dabarsee kenne.
— Jaalalli Waaqayyo saba Israa'elif qabu isaan duukaa akka jooruu godhe, utuma isaan gaaffii keessa galchanii nuffanii jaallate.
3️⃣Jaalala jechuun abboommiidha
Yoh. 13:34-35
"Akka isin wal jaallattaniif abboommii haaraa isiniif nan kenna; ani akkuman isin jaalladhe, isinis immoo akka wal jaallattan isin abboomeera. Jaalala yoo waliif qabaattan, kanaan namoonni hundinuu akka isin bartoota koo taatan in beeku' jedhe"
— Jaalala dhabuun waa'ee walii dhimma dhabanii waliif dhaabbachu dadhabuu dha.

4️⃣Jaalala haadha manaa fi abbaa manaa Efe. 5:25-26
"Kristos akkuma waldaa kristiiyaanaa jaallate, waldaadhaafis dabarsee of kenne, akkasuma abbaan manaas haadha manaa isaa haa jaallatu*! Waldaan kristiyaanaa Waaqayyo biratti fudhatamtuu akka taatutti, Kristos karaa dubbii isaatii bishaaniin dhiquudhaan ishee in qulleessa*"
— Macaafni Abbaan manaa haadha manaa isaa akka jaallachuu qabu, haati manaa immoo abbaa manaa isheetiif abboomamuu akka qabdu kaa'a
— Abboomamuu caala jaallachuutu ulfaata.

⚠️Kristos akkamitti Waldaa Kristiyaanaa jaallate?

I. Ulfina isaa dhiisuudhaan
-Ulfina keessa mirgatu jira, inni garuu sana hundumaa dhiisuudhaan Waldaa Kristiyaanaa jaallate. Yoh. 17:5
"Ammas yaa abbaa, ulfina isa utuu biyyi lafaa hin uumamin ani si biratti qaba tureen, ofii kee biratti ulfina anaaf kenni*!"

II. Aboo isaa dhiisuudhaan
Qol. 1:16
"Wanti waaqa keessa jiruu fi wanti lafa irra jiru hundinuu, wanti ijaan argamuu fi wanti ijaan hin argamne, warri teessota irra taa'anii fi warri mootummaa qaban, warri bantii waaqaa keessaa gooftummaa fi aboo qabu jedhamanii sodaataman isaan uumaman; wanti hundinuu karaa isaa uumame, isaafis uumame"
Isa. 53:7 yoo ilaallee mootiin ulfinaa kun akka hoolaa qalmaaf adeemtutti akka callisee argina. callisuudhaanis yaada Waaqayyo fiixan baase.

Комментарии

Информация по комментариям в разработке