1 Yohannis 4:11-19; 5:5-13; 18-21
"Michoota ko! Waaqayyo akkana erga nu jaallatee, nuufis immoo wal jaallachuun in ta'a.Namni tokko illee Waaqayyoon takkaa hin argine; yoo wal jaallanne, Waaqayyo nu keessa in jiraata, jaalalli inni ittiin nu jaallatus nu keessatti fiixaan ba'uu isaa ti.Inni hafuura ofii isaatii irraa waan nuuf kenneef, nuyi isa keessa, innis nu keessa akka jiraatu in hubanna.Abbaan ilma isaa fayyisaa biyya lafaa godhee akka erge, nuyi argineerra, dhugaas in baana.Namni Yesus ilma Waaqayyoo ta'uu isaa amanee yoo beeksise, Waaqayyo isa keessa, innis Waaqayyo keessa in jiraata.Nuyis jaalala Waaqayyo nuuf qabu hubanneerra, amanneerras. Waaqayyo jaalala; namni jaalalatti qabamee jiraatus Waaqayyo keessa in jiraata, Waaqayyos isa keessa in jiraata.Biyya lafaa kana keessatti akkuma Kristos jiraatetti jiraachuu keenyaan guyyaa firdiif ija-jabina qabna; kanaan jaalalli Waaqayyoo nu biratti fiixaan ba'uu isaa ti.Jaalala keessa sodaan hin jiru; jaalalli inni iddoo ga'e sodaa gad baasee in gata; sodaan adabatti hidhamee waan jiruuf, namni sodaatu jaalalli isaa iddoo hin geenye.Inni duraan dursee waan nu jaallateef, nuyis kottaa in jaallannaa!"
"Eenyutu biyya lafaa mo'uu danda'a? Yesus ilma Waaqayyoo ta'uu isaa nama amanu duwwaatu biyya lafaa mo'uu danda'a.Inni bishaaniin cuuphamee dhiiga isaa dhangalaasuuf dhufe isa kana; innis Yesus Kristos. Inni bishaan duwwaadhaan miti, bishaanii fi dhiigaan dhufe malee. Hafuurri qulqulluun kana dhugaa in ba'a, hafuurichi dhugaa dha.Dhuga-baatuu sadiitu jira.Isaan kunis hafuuricha, bishaanicha, dhiigicha, sadanuus sagalee tokkoon dhugaa ba'u.Isa namoonni dhugaa ba'an kan fudhannu erga taanee, inni Waaqayyo dhugaa ba'u immoo in caala. Dhugaan Waaqayyoos isa inni ilma isaatiif dhugaa ba'ee dha.Namni ilma Waaqayyootti amanu, dhugaa kana of keessaa qaba; namni Waaqayyoon hin amanne garuu, isa Waaqayyo ilma isaatiif dhugaa ba'e waan amanuu dhiiseef, Waaqayyoon sobduu gochuu isaa ti.Waaqayyo jireenya bara baraa nuuf kenne; egaa dhugaan isaa isa kana; jireenyi bara baraa kunis ilma isaa keessatti argama.Namni ilma Waaqayyoo qabaatu jireenyicha qaba; namni ilma Waaqayyoo hin qabaanne, jireenyicha hin qabu.Isin warri maqaa ilma Waaqayyootti amantan, jireenya bara baraa qabaachuu keessan akka beektaniifan kana hundumaa isiniif caafe."
"Namni mucaa Waaqayyoo ta'e cubbuutti qabamee akka hin jiraanne in beekna; ilmi Waaqayyoo isa in eega, inni hamaanis isa hin tuqu.Nuyi kan Waaqayyoo akka taane, guutummaan biyya lafaa immoo harka isa hamaa jala akka jiru in beekna.Ilmi Waaqayyoo dhufee isa dhugaa sana baruudhaaf, hubannaa akka nuuf kenne nuyi in beekna. Nuyi isa dhugaa sana keessa, ilma isaa Yesus Kristos keessas in jiraanna; Waaqayyo inni dhugaan, jireenyi bara baraas isa kana.Yaa ijoollee ko, waaqayyolii tolfaman irraa of eeggadhaa!"
Yohannis 20:26-31
"Guyyaa saddeet booddees bartoonni isaa ammas walitti qabamanii mana keessa turan, Toomaasis isaanii wajjin ture. Isaan mana cufatanii utuu taa'anii, Yesus dhufee isaan gidduu dhaabatee, ?Nagaan isiniif haa ta'u!? isaaniin jedhe.Kana booddee Toomaasiin, ?Quba kee fidii as irra kaa'i, harka koo lamaan ilaali, harka kee fidiitii madaa cinaacha koo keessa kaa'i; kan hin amanne hin ta'in, kan amante ta'i malee!? jedhe.Toomaasis, ?Gooftaa ko, Waaqayyo ko!? jedhee deebiseef.Yesus immoo, ?Yaa Toomaas, waan ana argiteef amantee? Utuu ana hin argin kan amanan, attam haa gammadan!? ittiin jedhe.Yesus macaafa kana keessatti kan hin caafamin, milikkita kan biraa baay'ee bartoota isaa duratti hojjeteera.Isaan kun garuu, Yesus, Kristosicha, ilma Waaqayyoo ta'uu isaa akka amantaniif, amanachuu keessaniinis maqaa isaatti jireenya akka qabaattaniif caafaman."
Roomaa 10:5-13
"Museen waa'ee qajeelummaa isa seera keessaa argamutiif, ?Namni wanta seerichi jedhu godhu, ittiin in jiraata? jedhee caafeera.Qajeelummaan amantii keessaa argamu garuu, ?Kristosin gad fiduudhaaf, ?Eenyutu gara waaqaatti ol ba'a??Yookiis immoo, Kristosin warra du'an keessaa ol fiduudhaaf, ?Eenyutu qileetti gad bu'a?? jettee garaa keetti hin yaadin!? jedhe.Egaa maal godhi jedha ree? ?Dubbichi sitti dhi'oo dha; afaan kee keessa, garaa kee keessas jira? jedha; dubbichis dubbii amantii isa nuyi lallabnuu dha.Yesus gooftaa akka ta'e afaan keetiin yoo beeksifte, Waaqayyo du'aa akka isa kaase immoo garaa keetti yoo amante fayyina bara baraa in argatta.Namni garaa isaatti amanee qajeelaa ta'a, afaan isaatiinis beeksisee in fayya.Caaffanni qulqullaa'aan, ?Namni isatti amanu hundinuu hin yeella'u? in jedha.Kanattis warra Yihudootaa fi warra Yihudoota hin ta'in gidduu garaagarummaan hin jiru; innoo gooftaa nama hundumaa ti, warra isa waammatan hundumaafis badhaadhummaa isaa irraa in kenna.Caaffanni qulqullaa'aan, ?Namni maqaa gooftaa waammatu hundinuu in oola? in jedha."
2 Qorontos 13:13
Ayyaanni gooftaa Yesus Kristos, jaalalli Waaqayyoo, tokkummaan hafuura qulqulluus hunduma keessanii wajjin haa ta'u!
Информация по комментариям в разработке